ONM-ABO Hagayya 26, 2024
Uummanni Oromoo biyyuma abbaa isaa irratti haqa dhabuun dhiibbaa guddaan murna leelliftuu impaayera Itiyoophiyaa Bilxiginnaa ammaan irratti adeemaa jiruun gochoonni badaaan argaa fi dhageettiif hin tolle akkasumas uummaticha abdii kutachiisu guyyuu irratti raawwatamaa jira.
Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Qorkee jedhamu keessatti Hagayya 18, 2024 gareen qabeenya uummataa saamee of ijaaraa jiru kunneen nama maqaan isaa Obbo Nagaash Hawaas jedhamu jalaa manaa fi qabeenyaa mana keessaa guutuu waliin gubanii barbadeessanii sangoota lamas jalaa fudhachuun gara mooraa isaanitti qalachuuf deemuun ibsame.
Akka jiraattonni jedhanitti namni kun nama nagaa siyaasa irraa bilisa ta’ee hojii qonnaa qofa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaa jiraachisu jechuun gochi isa irratti loltoota kanaan raawwatames hedduu kan nama gaddisiisuu fi egeree keenyaaf yaaddeessuudha jedhu.
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Waanjii jedhamu keessatis Hagayya 19, 2024 mana maatii qabsa’aa Jaal Barii jalaa qabeenya mana guutuu waliin jalaa gubanii yoo barbaadeessan loowwan afuriis jalaa ooffatanii deemanii jiru.





