• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaa hidhattootaan Paakistaan Baaloochistaan keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 38 ajjeefaman

Aug 27, 2024

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Kibba dhiha Paakistaan bulchiinsa Baaloochistaan keessatti hookkara mudate   gidduutti namoonni hidhatan haleellaa sadii raawwataniin yoo xiqqaate namoota 38 ajjeesaniiru.

Dilbata dheengaddaa halkan tokkotti konkolaattonni uummataa fi konkolaattota fe’umsaa gareen hidhatee socho’u dhaabsisuun eenyummaa isaanii adda baasuun imaltoota 23 ajjeesanii konkolaattota 10nis aanaa Musakaayil keessatti gubaniiru.

Aanaa Qaalaat keessattis  poolisoota afurii fi namoota karaa irra darban shan dabalatee namoonni sagal rasaasaan ajjeefamaniiru.

Guyyuma sana, magaalaa Giwadar Baaloochistaan keessatti konkolaattonni hedduun gubachuun namoonni jaha ajjeefamaniiru.

Haleellaan kun daandii guddaa bulchiinsa Punjaab waliin walqunnamsiisu irratti kan raawwatame yoo ta’u, waraanni bilisummaa Baaloochistaan ​​(BLA) namoonni daandii guddaa bulchiinsa kanaa irraa akka fagaatan erga akeekkachiisee yeroo muraasa booda.

Ibsa gareen kun baaseen, loltoonni isaa hojjettoota waraanaa uffata siiviilii uffachuun imalaa turan irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsuun, erga adda baafamanii booda rasaasaan rukutamaniiru jedhe.

Ministeerri Biyya Keessaa Paakistaan ​​garuu namoonni du’an lammiilee qulqulluu ta’uu ibseera.

“Konkolaattonni gara Punjaab fi achi irraa deebi’an sakatta’amuun, namoonni dhuunfaa Punjaab irraa dhufanis adda baafamanii rasaasaan rukutamaniiru,” jechuun qondaalli olaanaa Musakaayil Najibullaa Kakar dhaabbata oduu AFP’tti himaniiru.

Prezidaant Asiif Alii Zardarii fi Ministirri Biyya Keessaa Mohsin Naqvi ibsa adda addaan kennaniin haleellaan Musakaayil hammeenya jechuun gareen haleellaa raawwate akka jalaa hin baane waadaa galaniiru.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa ibsanitti, sa’aatii 24 darban keessatti guutummaa bulchiinsa kanaatti loltoonni finciltootaa 12 humnoota nageenyaatiin ajjeefamaniiru jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading