• Fri. Jan 2nd, 2026

Waraanni Goolessituun PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanitti uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufe

Aug 27, 2024

ONM-ABO Hagayya 27, 2024

Uummata meesha-maleeyyii hiraarsee umurii aangoo isaa dheereffachuuf kan ifaaju, sirni  nama nyaataan Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti hidhaa, ajjeechaa fi saamicha akkasumas namoota nagaa dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaan, Hagayya 25, 2024 waraanni impaayerichaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Hawwaa Mo’ii jedhamutti namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Rabboo Masfiin abbaa ijoollee lamaa,
  2. Obbo Toliinaa Sirnaa abbaa mucaa tokkoo,
  3. Dargaggoo Lammii Tashoomee fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf qe’ee fi qabeenya isaanii irraa qabanii hidhaatti darbachuu maddeen keenya itti dhiyoo Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Guutuu Oromiyaatti murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo maqaa WBO waliin hidhata qabduun jumlaan hidhuu fi ajjeechaa seer-malee irratti raawwachuu jabeessee itti fufee kan jiru ta’uun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading