• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Shaggar keessatti manneen barnootaa hedduun moonaa waraana Impaayerattii ta’anii tajaajilaa jiru

Aug 29, 2024

ONM-ABO Hagayya 29, 2024

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti seer-dhablummaan keessumattuu bara Bilxiginnaa kana keessatti kan baay’atu yoo ta’u, dhaabbilee hawaasummaa akka manneen barnootaa fi mana amantaa seenuun haa hafuu, meetira murtaa’e irraa fagaachuun seera ta’ee otuu jiru waraanni naamusa waraanummaa hin qabne kun manneen barnootaa guutuu Oromiyaa keessa maandheffachuun barattoota egeree biyyaa ta’an gabatee barnootaa ala godhanii jiru.

Manneen barnootaa aanoolee godinichaa keessatti argaman hedduun isaanii cufamuun barattoonni 67,000 ol barnootaan ala ta’uu fi manni barumsaa qubsuma waraana Impaayerattii ta’anii tajaajiluun barattootaa fi barsiisota 2,000 ol hojii barsiisuu ala godheera.

Aanaalee akka Dharraa keessatti manneen barumsaa aanicha keessatti argaman keessaa mana barumsaa Bulchiinsa magaalaa Gundomasqal fi naannooshee irraan kan hafe hojii barsiisuun ala ta’aniiru.

Keessattuu manneen barnootaa fi manneen yaalaa baadiyyaa kaasee hanga Magaalaa jiran qubsuma waraanaa ta’uun isaa barnoonni akka dhaabbatu godhee jira.

Haaluma kanaan Kaaba Shaggar keessatti manneen barnootaa muraasni armaan gadi qubsuma waraana impaayeera Itoophiyaa ta’uun beekameera.

Manneen barnootaa kunis:-

  1. Mana barumsaa Ejersaa kutaa 1-8 ,
  2. Mana barumsaa Qacammee kutaa 1-8, 
  3. Mana barumsaa Hosee  kutaa 1-8 fi 9-10 
  4. Mana barumsaa Alii Barbaadaa kutaa 1-8, 
  5. Mana barumsaa Gabaa Gubbaa kutaa 1-8, 
  6. Mana barumsaa Mojoo kutaa 1-8, 
  7. Mana barumsaa Walee Cilaaloo kutaa 1-8, 
  8. Mana barumsaa Qalloo Milkii 1-8,
  9. Mana barumsaa Milkii  1-10, 
  10. Mana barumsaa Hambisoo,
  11. Mana barumsaa Maliyyuu,
  12. Mana barumsaa Goljee, 
  13. Mana barumsaa Dhahee Sillaasee 1-8, 
  14. Mana barumsaa Dhahee Tutii 1-8 fi
  15. Mana barumsaa Dhahee Gorgiis 1-8 kanneen adda baafaman ta’uu  maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading