• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti kaadiroonnii fi waraanni bilxiginnaa waliin ta’uun mana uummataa diigaa jiraachuun himame

Aug 30, 2024

ONM-ABO Hagayya 30, 2024

Maqaa “misooma magaalaa” jedhuun bulchiinsi Bilxiginnaa loltoota isaanii uummatatti bobbaasuun baajata misooma sanaaf ramadame dantaa dhuunfaa isaaniif oolfatanii beenyaa tokko hawaasaaf osoo hin kaffalin qabeenyaa jiraattotaa mancaasuu itti fufanii jiru.

Akkaataa kanaan, godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti maqaa “babal’ina misooma daandii magaalaa” jedhuun mana hawaasaa diiguun jabaatee jira.

Yeroo ammaa kana, aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda 01 fi 02 keessatti ergamtoonni bilxiginnaa kan kanaan dura daandii irraa fageenya meetira shan shan keessa seenuun diiganii turan yeroo ammaa kana ammoo fageenya meetira lama lama itti dabaluun keessa seenanii kaffaltii tokko malee diigaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Waqtii gannaa kana wayita roobni humnaa ol roobaa jirutti gochi hammeenyaan guutame akkasii kun jiraattota irratti raawwatamuun isaa rakkoo hamaaf isaan saaxilee jiraachuunis itti dabaluun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading