• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Gooroo Muxii jedhamu keessatti loltoonni Bilxiginnaa nama nagaa tokko haala suukkanneessaan ajjeesan

Aug 31, 2024

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Bilxiginnaan warreen gaaffiin uummata Oromoo akka deebi’u hin barbaannee fi Itiyoophiyummaatti amanan uummata Oromootti bobbaasee lafa arganii fi bakka barbaadanitti gaaffii seeraa tokko malee ilmaan Oromoo akka ajjeesan gochuun gadda qe’ee hawaasaa dhuunfachiisaa jira.

Namoota nagaan siyaasa keenyatti buutan, akkasumas nuuf ajajamuu diddan jechuun salphumatti ajjeechaa raawwachuun Oromiyaa dirree dhiigaa gochaa jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 11, 2024 godina Baha Harargee  aanaa Gooroo Muxii araddaa Haranfamaa Utubaa ganda Abbuunnoo jedhamu keessatti nama nagaa maqaan isaa Huseen Mahaammad Adamee jedhamu ajjeesuu jiraattonni gandichaa himan.

Nama kanas loltoonni sirnichaa erga qabanii booda reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun erga inni laafee booda ajjeesuus dabaluun ibsanii jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti aanichatti namoonni nagaan balleessaa tokko malee hidhamaa fi ajjeefamaa jiru jechuun sababa kanaaf uummanni nageenya isaaniif raafamaa akka jiran dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading