• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti waraanni faashistii PP’ mana uummata nagaa gubuu itti fufan

Aug 31, 2024

ONM-ABO Hagayya 31, 2024

Duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru waraanni goolessituu impaayera Itiyoophiyaa sababoota fudhatama hin qabne garaa garaa itti maxxansuun uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi saamuu akkasumas qe’ee fi qabeenya hawaasaa barbadeessuu jabeessanii itti fufaniiru.

Haaluma kanaan, Hagayya 19, 2024 waraanni faashistii kun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree ganda Jaarraa Sumboo jedhamu keessatti nama maqaan isaanii Aaddee Zabbanuu Abarraa jedhaman jalaa ilma keetu bosona jira maqaa jedhuun mana isaanii qabeenya guutuu waliin abiddaan barbadeessuu jiraattonni naannichaa nuuf himan.

Akka maddeen keenya himanitti, Aadde Zabbanuun siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa akka qaban himuun, waraanni safuu hin beekne kunneen haadha hiyyeessaa kana jalaa badii tokko malee waqtii gannaa kanaan qe’ee ishee mancaasuun dirreetti baasanii gidiraa agarsiisaa jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading