• Fri. Mar 20th, 2026

Qondaalli gargaarsa Mootummoota Gamtoomanii yeroo waraanni Gaazaa itti fufee jirutti haala ‘namummaa’ addunyaa irratti gaaffii kaasan

Aug 31, 2024

ONM-ABO Hagayya 30, 2024

Qondaalli olaanaa gargaarsa  Mootummoota Gamtoomanii Kamisa darbe “namummaan keenya bu’uuraa maal ta’e” jechuun gaaffii kaasaniiru.  Kunis yeroo waraanni Gaazaa keessatti hammaatee fi hojiiwwan gargaarsa namoomaa deebii kennuudhaaf rakkachaa jiranitti.

Itti aanaan itti gaafatamtuu waajjira gargaarsa namoomaa UN (OCHA) Jooyis Misuyaa akka jedhanitti, “dhiyeessii akkamii akka qabaannu, yoom akka qabaannu ykn eessatti geessuu akka dandeenyu beekuuf rakkachaa waan jirruuf sa’aatii 24 ol dursinee karoorfachuu hin dandeenyu” jedhan. 

”Lammiilee nagaan beela’aniiru. Isaan dheebotanii jiru. Dhukkubsataniiru. Isaan mana dhabanii jiru. Isaanis… waan ilmi namaa kamiyyuu baachuu qabu bira darbanii dhiibamaniiru,” jechuun Mana Maree Nageenyaatti himteetti.    Yaadni Misuyaan kun kan kenname erga UN’n ajaja haaraa Israa’el naannoo Deyir al-Balaa kan hojjettoota OCHA’f wiirtuu ta’e akka baqatan Wiixata darbe sochiin hojjettoota gargaarsaa fi gargaarsaa Gaazaa keessaa akka dhaabbatu ta’een booda ture.

“Nuti akka gaafannu nu dirqisiisa: miirri namummaa bu’uuraa keenya maal ta’e?” jechuun gaafatte. 

Manni Maree Nageenyaa fi hawaasni addunyaa bal’aan waraana kana xumuruuf humna isaa akka fayyadamu gaafachuun, Misuyaan namoota booji’aman akka gadhiifaman fi “Gaazaatti dhukaasa dhaabuun  itti fufiinsa qabu akka waliigalamu” gaafataniiru jechuun gabaasa AFP Al Arabiyaan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading