ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti ilmaan Oromoo dinagdeen dadhabsiisuuf guyyaa guyyaan hojjechaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti mootummaan qaala’iinsa gabaa to’achuu dadhabuu bira darbee, uummata jiraachuuf rakkoo hamaa keessa jiru irratti dirqamaan maqaa “Deggersa Gaachana Sirnaa” jedhuun mana manatti milishaa erguun uummata dirqamaan kaffaltii kaffalchiisaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa eeranii jiru.
Kana malees, daballii miindaa mootummaan uummata sobaa daballii doolaaraan wal qabatuun qaala’iinsa jireenyaa uumameen uummanni rakkoo hamaa keessa jiraachuu kan himan jiraattonni magaalichaa, gatii meeshaa fi mana kiraa barsiisota gannaa irratti humnaa ol dabaluun akkasumas daldaltoonni fi abbootiin qabeenyaa mana baaburaa walii galuun midhaan nyaataatti waan hin barbaachisne dabaluun nyaataaf gara gabaatti dhiyeessanii uummanni achii bitatu rakkoo biraaf saaxilamaa jiraachuu itti dabaluun ibsanii jiru.








