ONM-ABO Fulbaana 1, 2024
Sochii finxaaleeyyiin Amaaraa tumsa murnoota bilxiginnaatiin deggarameen guyyaa irraa guyyaatti Oromiyaa bakkoota adda addaatti taasisaa jiran jabaachuu irraa kan ka’e yeroo ammaa uummanni Oromoo birmannaa dhabuun lubbuu isaa tokkittii oolfachuuf jecha qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee godaanuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan, Kaaba Shaggar aanaa Dharraatti sochii finxaaleeyyiin Amaaraa taasisaa jiran isaan yaaddessuun jiraattonni gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaatti godaanaa jiru.
Aanaa Dharraatti torban darbe irraa eegalee halellaa humnootni finxaaleeyyiin kaabinoota aanichaan deggaramuun taasisaa jiraaniin jiraattonni gandoota kanneen akka:
- Danbii-Birijee,
- Kabii Gololchaa,
- Jiruu Dadaa,
- Obeessoo,
- Ceekaa fi gandoonni aanichaa kanneen biroo hedduu ta’an yeroo amma sodaa rakkoo nageenyaaf jecha buqqa’uun gara magaalaa Adareetti baqachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen keenya jedhanitti, humni guddaan dabalataan naannoo Amaaraa irraa hidhattoota kanaaf dhufaa kan jiruu fi kaayyoon isaanii aanaa Dharraa bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa jala galfachuu akka ta’es dubbatu.



