• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruun yeroo dheeraaf dararaa jiraachuun ifoome

Sep 2, 2024

ONM-ABO Fulbaana 2, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa dhiiraa fi dubartii, guddaaf xiqqaa, beekaaf wallaalaa, jaarsaaf jaartii osoo hin jenne ilmaan Oromoo hunda sobaan yakkanii jumlaan qabuun hidhaatti darbatanii akkuma duraan aadeffatanitti hawaasa nagaa dararaa jiraachuun itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti namoonni hedduun garmalee dararamaa jiraachuun ibsamee jira.

Ganda Malkaa Lamii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa adda addaa uummata irratti raawwachaa kan jiru ta’uu fi maanguddoonni osoo hin hafne ji’oota hedduuf garmalee dararamaa jiraachuus itti dabaluun ibsameera.

  1. Obbo Waaqgaarii Guddataa,
  2. Biqilaa Seeqqataa Dagaa,
  3. Obbo Olaanii Nagaasaa fi kanneen biroo hedduun sababa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii garmalee dararamaa jiraachuu maddeen eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading