• Mon. Mar 16th, 2026

Naayijeeriyaan mormitoota farra mootummaa gantummaatiin himatte

Sep 3, 2024

ONM-ABO Fulbaana 3, 2024

Naayijeeriyaan Wiixata kaleessaa namoota 10 mormii farra mootummaa ji’a darbe guutuu biyyattiitti geggeeffame irratti hirmaatan gantummaadhaan himatte.

Mormitoonni 10 kunneen poolisiin erga hidhamanii ji’a tokko booda mana murtii olaanaa Federaalaa magaalaa guddoo biyyattii Abujaatti argamutti himataman.

Abbaan alangaa kutaa biyyattii tokko waraqaa himannaa irratti gochi mormitoota mormii Hagayya 1-10tti raawwatame gantummaa fi mootummaa dimokiraatawaa akka kuffisuuf waraana kakaasuun wal gituudha jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Abukaatoon mormitootaa dhaddachi Fulbaana 11 osoo hin banamin dura himatamtootaf mirga wabii akka kennu mana murtii gaafataniiru.

Abbaan murtii garuu hanga iyyanni mormitootaa mirga wabii Fulbaana 11tti beellamame murtaa’utti mana hidhaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti akka hidhaman ajaje.

Dargaggoonni, aktivistoonni, fi abbootiin seeraa kumaatamaan lakkaa’aman, Pirezidaantii Boolaa Tinubuunuuf iyyannoo hedduu dhiyeessan illee, gatii jireenyaa ol’aanaa, rakkoo dinagdee fi tasgabbii dhabuu saba Afrikaa Dhihaa keessatti mul’ate mormuun guyyoota 10f guutuu biyyattiitti mormii geggeessaniiru. 

Mormiin kun booda gara jeequmsaa fi manca’iinsa gamoolee ummataatti guddatee ture.

Mormii kana irrattis ta’e booda mormitoonni gara 2,000 ta’an to’annoo jala ooluu poolisiin beeksiseera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading