ONM-ABO Fulbaana 4, 2024
Waraanni faashistii PP impaayera kufuuf dhiyaatte tiksuuf Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti maqaa sakkatta’aa Waraana Bilisummaa Oromootiin yeroo bobba’an yeroo hunda uummata Oromoo sababa tokko malee maqaa garaa garaa itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu fi saamuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti waraanni faashistii PP hawaasa nagaa ajjeesuu, hidhuu fi saamuu cimsee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Waraanni sirnichaa Fulbaana 2, 2024 waaree booda aanaa Saasiggaa irraa gara ganda Hora Waataatti bobba’uun, bakka addaa “Laga Horaa” jedhamu irraa dargaggoota maqaan isaanii:
- Abdujabbaar Adamii fi
- Yusuuf Adam jedhaman haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoonni kun lamaan obboloota ilmaan abbaa tokkoo yoo ta’an, abbaan isaanii obbo Adamis yeroo darbe waraanuma bilxiginnaan ajjeefamuun isaa himamee jira.
Oduu hidhaa fi saamichaan ammoo, ganduma kana irraa guyyaa kana waraanni kun ajjeechaa erga raawwataniin booda dargaggoo maqaan isaa “Eliyaas Abirahaam” jedhamu reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun miidhaa qaamaa ulfaataa erga irraan ga’anii booda hidhaatti darbatanii kan jiran yoo ta’u, dargaggoota maqaan isaanii Mahaammad Abdukariim fi Takkoo Dambal jedhaman jalaa ammoo doqdoqqee 2 fudhatanii deemuu maddeen keenya itti dabaluun addeessaniiru.


