• Thu. Sep 3rd, 2026

Koongootti yaaliin mana hidhaa cabsuuf taasifameen yoo xiqqaate namoonni 129 du’an

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Mana hidhaa guddaa Koongoo magaalaa guddoo biyyattii keessatti argamu keessatti yaaliin mana hidhaa cabsuuf yaalameen yoo xiqqaate namoonni 129 kan du’an yoo ta’u, irra caalaan isaanii waldhabdee uumameen akka ta’e aanga’oonni Kibxata kaleessaa ibsaniiru.

Madaalliin yeroof gaggeeffame akka agarsiisutti hidhamtoonni 24 Wiixata ganama mana hidhaa Giddugaleessaa Makalaa Kinshaasaatti argamu kan garmalee namaan guutame keessaa miliquuf osoo yaalanii   rasaasaan ajjeefamaniiru jechuun Ministirri Biyya Keessaa Koongoo Jakqu’emin Shabanii waltajjii hawaasummaa X irratti dubbataniiru.

“Namoonni miidhaman 59 mootummaan kunuunsa keessa yoo galchu, dubartoonni gudeedaman tokko tokkos jiru,”  jedhan.

Manni hidhaa guddaa Koongoo kan namoota 1,500 keessummeessuu danda’u Makalaan hidhamtoota 12,000 ol kan qabu yoo ta’u, irra caalaan isaanii murtii eegaa akka jiran Amnesty International gabaasa biyyaa isa haaraa baaseen beeksiseera. Dhaabbatichi kanaan dura mana hidhaa cabsuu kan galmeesse yoo ta’u, bara 2017 haleellaan garee amantii tokkoon raawwateen namoota kudhan bilisa baase dabalateeti.

Ministirri Haqaa Konstant Mutaambaa haleellaa kana ”gocha manca’iinsaa dursanii itti yaadame” jechuun warri ”gocha manca’iinsa kana kakaasan … deebii cimaa ni argatu” jedhan.

Akkasumas hidhamtoota mana hidhaa birootti dabarsuu dhorkuu kan beeksisan yoo ta’u, aanga’oonni mana hidhaa haaraa akka ijaaran ibsuun, tattaaffii hedduumina hidhamtootaa garmalee hir’isuuf godhaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru jechuun africanews gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading