• Fri. Mar 13th, 2026

Hidhaa fi dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti cimee itti fufee jira

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Yeroo garaa garaatti loltoonni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuu fi “hidhata WBO qabdu” jedhuun yakkoota garaa garaa raawwachaa jiran jabeessanii jiru.

Bifuma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaatti hidhaa fi dararaan maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu jabaatee jira.

Aanaa Ada’aa Bargaa ganda “Qoree Jeenoo” jedhamu irraa  Hagayya 27,2024 namoota maqaan isaanii:

 Shaambuu Asaffaa dargaggoo umrii 22 kan ta’e, Bizuu Fayisaa dubartii umrii 35 kan taate,  Asaffaa Haayiluu maanguddoo ganna 60 kan ta’e, Ambassaa Dirribaa maanguddoo ganna 75 kan ta’ee fi kanneen biroo hedduu ta’an onichatti badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Dabalataan, guyyuma kana ganda Iluu Katabaa jedhamu irraa nama maqaan ishee “Warqii Bayii” jedhamtu abbaa warraa ishee “Tolasaa Tasammaa” kan jedhamu rasaasaa 2 itti dhukaasuun erga inni fiigee harkaa ba’een booda ishee qabanii deemuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading