• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni Bilisummaa Oromoo Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessatti lukkeelee diinaa irratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun beekame

Sep 5, 2024

ONM-ABO Fulbaana 5, 2024

Hacuuccaa fi saamicha bifa kamuu saba Oromoo irraa kaasee Oromiyaa walaboomte ijaaruuf halkanii fi guyyaa baddaa fi gammoojjii Oromiyaa qaxxaamuree saba isaaf dafqaa fi dhiiga isaa dhangalaasaa kan jiru, leencichi ija barbadaa Waraanni Bilisummaa Oromoo Karra Shanan Finfinnee dabalatee goleelee Oromiyaa mara keessatti tiksitoota impaayera Itiyoophiyaa irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachaa jiraachuun beekamaadha.

Haaluma kanaan Fulbaana 1, 2024 irree fi gaachanni saba Oromoo WBO’n, waraana goolessituu PP naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaax irraa gara magaalaa Gaalessaatti konkolaataa 3F sadiin imalaa turte, haxxee itti hidhuun ganda Giiphoo bakka addaa Laga Diinii jedhamutti tarkaanfii guggubduu irratti fudhadhateen, hedduu ajjeesee gariin ammoo yoo madeessu, kanneen madoofte keessaa namni lama Hospitaala Paawee jedhamutti osoo yaalamaa jiranii du’uunis ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading