ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Uummata nagaa qabanii dararuu irra maddi rakkoo impaayerattii kanaa maali jedhanii taa’anii wal mari’achuu fi uummata dhaggeeffachuun osoo jiruu murni bilxiginnaa afaan qawwee qofatti amanuun qaama dirree irraa isa lolu dheessee namoota nagaa waa’ee siyaasaa quba hin qabne jumlaan guuree mana hidhaatti naqee dararuu jabeessee jira.
Abbaan akka nagaan dalagee ilmaan isaa hin guddifanne, mana hidhaatti guuruun maatii jiruu gadadoof saaxilaa kan jiran loltoonni murna faashistii PP fi ergamtoonni isaanii yeroo ammaa qe’ee namoota baay’ee golgoleessaa jiru.
Kaaba Shaggar aanaa Sulultaa gandoota akka Noonnoo, Sayyoo Gaara Algee fi Andaa Weezaroo jedhamu keessaa namoota nagaa hojiilee adda addaa irratti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan kanneen maqaan isaanii Yoomiif/Darajjee Girmaa fi Injinar Tulluu Lataa magaalaa Sulultaa keessaa qabanii yoo hidhan, gandoota armaan olitti eeraman keessaa ammoo namoota maqaan isaanii:
- Shaalloo Taaddasaa,
- Seefuu Dabalaaa,
- Toomaas Dhugumaa,
- Baayyuu Lishaan,
- Asnaaqaa Dabalaa,
- Muluu Tarrafaa,
- Tarreessaa,
- Darajjee Warquu haadha manaa waliin,
- Assellafachi Taaddasaa haadha maatii sadii kan taate magaalaa aanichaa Caancootti baatii afurii fi isaa ol hidhamanii gidirfamaa jiraachuu jiraattonni himan.
Akka maddeeniif jiraattonni jedhanitti namoonni kunneen dhukkuboota garaa garaa kan qabaniif yeroo ammaas dhukkuba isaaniin mana hidhaa dhiphoo keessatti gidirfamaa jiraachuun beekameera.




