• Sat. Jan 3rd, 2026

Waraanni Faashistii Bilxiginnaa Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Birmajjii keessatti qabeenya uummataa saamuu itti fufan

Sep 7, 2024

ONM-ABO Fulbaana 7, 2024

Dinagdee uummata Oromoo quucarsuudhaan duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiru waraanni maafiyaa impaayera Itiyoophiyaa goleelee Oromiyaa mara keessatti qabeenya uummata nagaa saamuu, gubuu akkasumas uummata meesha-maleeyyii hidhuu, ajjeesuu fi dararuu jabeessee itti fufee jiru.

Haaluma kanaan, Fulbaana 6,2024 waraanni Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa  aanaa Boojjii Birmajjii ganda Hidhabuu Xoobbii fi Lalisaa Kiingii keessatti loon hawaasa nagaa saamuun beekamee jira.

Namoota nagaa qabeenyi isaanii saamame kanneen ammaaf maqaan isaanii nu ga’e:

  1. Obbo Mokonnon Bicaaqaa jalaa loon kudha tokkoo fi hoolota shan
  2. Obbo Galataa Saajjii jalaa korma tokko
  3. Obbo Caalii Ittafaa jalaa loon torbaa fi harree lama
  4. Aadde Buzunesh Dheeressaa jalaa ammoo loon tokkoo fi lukkuu ja’a saamuu jiraattonni ONM dubbise ifoomsanii jiru.

Saamichi uummata nagaa irratti geggeeffamaa jiru akkuma yeroo darbe qabeenya uummataa maqaa qabeenya diinaan saamuu fi mancaasuu baafataniitti hojjiitti hiikuun Oromiyaa dirree saamichaa fi seer-dhablummaan keessatti daraare godhatanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading