ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Akkaataa isaaniif danda’ameen uummata Oromoo dinagdeen cabsanii ofii isaaniif duroomuu fi garaa isaanii guuttachuuf kan hojjetan ergamtoonni bilxiginnaa caasaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran wayita ammaa saamicha daangaa darbe irratti bobbaa’anii jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaatti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa saamuu fi doorsisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda 01 keessatti wayita ammaa ergamtoonni sirnichaa hawaasa qabeenya lafaa fi kan biroo waliif mallatteessee fedhii isaatiin waliif dabarsan gidduu seenuun namoota kanaan dura qabeenyi kan isaanii turee namootaaf kennan, abbaa qabeenyummaa deebisnee maqaa keessanitti isiniif jijjiirra jechuun Biiroo Faayinaansii aanichaatti waamanii maallaqa guddaa hanga kuma soddomaa oliitti irraa guuraa jiraachuun himamee jira.
Namoonni saamaman kunneen maqaan isaanii:
- Abbaa Biyyaa Sheek Maammad,
- Mahaammed Abbaa Jiyaad,
- Nagaa Abbaa Bulgoo,
- Abdallaa Kaalid,
- Kaalii Shamsuu,
- Shamsuu Abbaa Fiixaa,
- Zinaab Abbaa Jabalii fi kanneen biroo hedduu ta’uu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataan, Fulbaana 5, 2024 aanaadhuma kana irraa uummata walitti qabuun, gamoo magaalicha keessatti argamu “Diizayinii Duubaay”jedhamuun kan beekamu fakkeenya fudhachuun hundi keessan gosa gamoo kanaa hin ijaartan taanaan lafti keessan isin irraa fuudhama jedhanii uummata doorsisaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.


