• Fri. Mar 13th, 2026

Aanaalee godina Lixa Shaggar fi Kaaba Shaggar keessatti murni bilxiginnaa quunnamti bilbilaa fi interneetaa kutuun hawaasa nagaa meeshaa gurguddaa ZU-23 fi moorteraan reebaa jiraachuun dhagaa’ame

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Keessattuu aanaalee akka  Gindabarat, Abuunaa Gindabarat, Cobii, Jalduu Meettaa Wal-qixxee, Meettaa Roobii, Warra Jaarsoo fi Darraa  keessatti murni bilxiginnaa guyyoota lamaan darban irraa eegalee meeshaalee gurguddaan hawaasa reebaa jiraachuu maddeenii fi jiraattonni ONM’tti himan.

Akka jiraattonni fi maddeen jedhanitti meeshaalee akka Zu-23 fi Moortera qarree irraa tilmaamaan qe’ee hawaasaatti darbachaa akka jiran himuun, haleellaa kanaanis miidhaan qabeenyaa namoota fi lubbuu namaa irra qaqqabuu dubbatan.

Addatti ammoo guyyaa kaleessaa fi dheengaddaa qofa aanaa Warra Jaarsoo, Darraa fi Gindabarat qofa keessatti meeshaaleen kunneen guyya guyyaan hawaasa nagaa irratti darbatamaa akka oolee fi miidhaa jabaan qaqqabuus dabaluun ibsaniiru. 

Dabalataanis qabeenyaan hawaasaa midhaan ooyiruu irratti badaa akka jiruu fi saawwan hedduun illee akka malee miidhamaa jiraachuu himaniiru. 

Duulli waraana Bilxiginnaa kun  akka lola daangaa irratti geggeeffamaa jiruutti meeshaa gurguddaan hawaasa nagaa irratti dhukaafamaa jira, hawaasni hedduunis lubbuu isaa oolfachuuf gara dawoon tokko tokko jirutti baqachaa jiraachuun barameera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading