ONM-ABO Fulbaana 10, 2024
Nageenya uummataa tiksuu irra waraana itti bobbaasee nageenya uummata Oromoo booressaa kan jiru murni nama nyaataa abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa bilxiginnaan, waan isaan quba hin qabne itti maxxansuun dararaa ulfaataa jiraattoota irratti hammeessee jira.
Lubbuu balleessuu malee du’a irraa baraaruu, hidhuu malee hiikuu, saamuu malee gargaaruu kan hin beekne eegdonni barcuma aangoo Abiy Ahimed goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaase, bakkoota garaa garaatti lola Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti geggeessaa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun qe’ee hawaasa nagaa keessa deebi’anii maatii qabsaa’otaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan Fulbaana 8, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Abbaa Jaarraa keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa maqaa ijoollee keessantu WBO keessa jiraa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’ee nu fixaa jira jedhuun hawaasa hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Maqaan namoota hidhamanii jiranii kunneenis, Mitikkuu Cabbaqii, Kabaa Caffoo, Habtaamuu Sirnaa, Geetaachoo Qaadiree, Alamayyoo Shuumaa, Maariqoos Lumee, Naattaan Tafarii, Mokonnoon Lamuu fi Obsaa nama jedhamu qabanii gara magaalaa Dambii Dolloo geessuun mooraa waraana PP Chaayinaa jedhamu keessatti hidhanii dararaa agarsiisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

