• Tue. Jan 13th, 2026

Magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa manneen hawaasa hedduu diigaa jiraachuun himame

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 10, 2024

Fakkeessii fi hawaasa biratti jaallatamummaa argachuuf jecha murni bilxiginnaa gama tokkoon baadiyyaa Oromiyaa keessatti dhiiga namoota nagaa dhangalaasuu fi qabeenyaa isaa jalaa gubuun mancaasaa,  karaan biraan ammoo loltoota isaan maqaa bareedina magaalaa jedhuun namoota harka – qalleeyyii mana ijaarrachuu hin dandeenye bobbaasuun beenyaa tokko malee diigsisaa jira.

Magaalota Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa “misooma magaalaa fi babal’ina daandii” jedhuun manneen uummataa diiguu itti fufuun abbaa warraa hedduu mana maleeyyii godhanii jiru.

Haaluma kanaan, magaalaa Laga Xaafoo-Laga Daadhii keessaa ergamtoonni bilxiginnaa manneen hawaasa hedduu diigaa jiraachuun himamee jira.

Magaalicha keessaa maqaa “Smart City, misooma magaalaa fi babal’ina daandii” jedhuun qabeenyaan uummataa lakkoofsaan hedduutti tilmaamaman diigamuun manca’aa jiraachuu jiraattonni magaalichaa eeranii jiru.

Akka namoonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanitti, “dursanii manneen uummataatti mallattoo  gochuun guyyaa biroo dhaqanii meeshaalee inni qabu keessaa baasuun diiganii dhiibbaa hawaasummaa irraan gahaa jiru” jechuun dubbatu.

Magaalicha keessaa gamoowwan gurguddoo, hoteelota, dukkaanota, manneen jireenyaa fi kanneen biroo hedduun diigamaa kan jiru yoo ta’u, uummanni magaalichaa rakkoo hamaa keessa jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading