• Tue. Jan 13th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti dargaggoo tokko rasaasaan ajjeese

Sep 10, 2024

ONM-ABO Fulbaana 9, 2024

Duula duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti geggeessaa kan jiran loltootni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi dararuu hojii idilee isaanii taasifatanii  jiru.

Haaluma kanaan, Fulbaana 7, 2024 waraanni goolessituu Bilxiginnaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa-Sibuu magaalaa Warra Jirruu jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Guutamaa Alamaayyoo jedhamu badii tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya himan.

Akka maddeen himanitti, “dargaggoon kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u waraanni sirna dhableessi PP badii tokko malee mana jireenyaa isaatii baasuudhaan ajjeesanii gatan” jechuun Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading