• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guuteetti ergamtoonni finxaaleeyyii Amaaraa 3 qabaman

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Ilmaan Oromoo fagootti diinomfachaa ifatti immoo ergamtoonni bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa daangaa ce’anii dhufan kanneen Faannoo jechuun of waaman gargaaruun utubanii caasaa isaanii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ijaaraafii jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guuteetti ergamtoonni Finxaaleeyyii Amaaraa baay’inaan 3 ta’an qabamuun himame.

Fulbaana 9, 2024 ergamtoonni finxaaleeyyii namoonni sadii magaalaa Angar Guutee irraa qabamuun ergamni isaanii magaalaa Angar Guutee keessaa saba Oromoo ajjeesuunii fi ari’anii fixuudhaan magaalittii teessuma Faannoo gochuu kan barbaadan ta’uun barameera.

Kanaanis namoota isaanii qoratanii humna WBO fi jabina uummatni Oromoo itti ofirraa isaan deebisuu danda’u illee adda baafachaa jiraachuun barameera.

Qabamuu ergamtoota finxaaleeyyii kanaa ilaalchisee Faannoon naannoo sanatti argaman galgala naannoo sa’atii 1:00’n booda sagalee dhukaasaa baay’ee dhageessisaa turuunis adda ba’ee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading