• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn Baha Shaggar aanaa Booraa fi Dugdaa keessatti diina adabe

Sep 12, 2024

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa godina Baha Shaggar aanota adda addaa keessatti fudhatu jabeessee jira.

Haala kanaanis WBOn Zoonii Harsadee kaleessa Fulbaana 11, 2024 galgala sa’a 10:00 hanga 1:30tti tarkaanfii laalessaa aanaa Booraa fi Dugdaa keessatti fudhatee jira

Aanaa Booraa magaalaa Ombollee fi aanaa Dugdaa ganda Hafaa Raaasaa iddoo maagaalaa oolankomii jedhamtutti tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Mooraa diinaa bakkoota lameenuu irratti baazuqaa fayyadamuun mooraa ishee waliin kan barbadeesse yoo ta’u, hanga Adaamaa, Bishooftuu fi Finfinneetti Bilxiginnaan raafama hamaa keessa seenee jira.

Tarkaanfii aanaa Booraa magaalaa Ombolleetti meeshaa RPGn fudhateen loltoota 28 battalatti ajjeesuun 35 ol yoo madeessu, loltootni Bilxiginnaa har’a konkolaataa hedduun dhaquun reeffa kaafattee boo’aa awwaaluun barameera.

Aanaa Dugdaa ganda Hafaa Raasaa keeesatti mooraa diinaa barbadeessuun du’aa fi madoo hedduun adabee jira.

Odeeffannoo dabalataa WBO Zoonii Harsadeen walitti deebina.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading