• Mon. Mar 16th, 2026

Marsaa lammaffaaf godina Kaaba Shaggar irraa quunnamtiin bilbilaa fi interneetaa ammas cituun beekame

Sep 15, 2024

ONM-ABO Fulbaana 15, 2024

Gareen faashistii PP torban darbe guyyoota shaniif quunnamtii bilbilaa fi interneetaa kutuun aanoota Kaaba Shaggar tokko tokko keessatti mancaatii qabeenyaa fi lubbuu namaa irraan miidhaa jabaa geessisaa turuun kan yaadatamuudha.

Ammas marsaa lammaffaaf Fulbaana 13, 2024 halkan sa’a 6:00 irratti Sulultaa irraa kaasee quunnamtiin bilbilaa fi interneetaa akka hin jirre jiraataan gara sana irraa ONM dubbise himeera.

Akka jiraataan kun jedhetti  battaluma quunnamtii bilbilaa kutan sochii isaanii keessattuu aanoota akka Hidhabuu Abootee, Warra Jaarsoo, Darraa  fi Kuyyuutti meeshaa gurguddaa fi humna waraanaa hedduun bobba’uu isaanii dubbate.

Yeroo quunnamtii bilbilaa guyyoota shaniif kanaan dura uummata irraa kutanii turanittis akkuma kanatti socho’uun miidhaa guddaa qabeenya namaa fi lubbuu irratti raawwachuu isaanii yaadachuun ammas taateedhuma sanaaf akka akkas godhan ibsa.

Itti dabaluun akka jiraataan kun jedhetti sababni isaan quunnamtii kana balleessaniif saamichaa fi ajjeechaaf waan isaaniif mijatuuf taatee kana ija miidiyaa jalaa dhoksuufi jedhe.

Amajji 2024 keessa Addis Standard gabaasa Top10VPN wabeeffachuun barruu maxxansee tureen, bara 2023’tti kasaaraa dinagdee Itiyoophiyaan cufamuu intarneetii irraa argame tilmaamaan doolaara biiliyoona 1.9 akka ta’u himuun, dhiibbaa maallaqaa jeequmsa akkanaa irraan kan ka’e akka addunyaatti sadarkaa lammaffaa irratti argamti jedhee ture.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading