• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii-Coqorsaa keessatti waraanni weerartuun PP dargaggeessa tokko ajjeesanii gatan

Sep 17, 2024

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Sirni ilmaan Oromoo lafa irraa fixuuf tarsiimoo baafate guyyaa irraa gara guyyaatti waraana isaa itti bobbaasuun ol-adeemtota abdii borii lafa irraa duguugaa jiru bilxiginnan, gocha hammeenyaa kana itti fufuun godinaalee Oromiyaa mara keessatti haadhaa fi abbaa, haadha warraa fi daa’imman boossisaa oola.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii-Coqorsaa ganda Innaangoo-Koobbaraatti bobba’uun Fulbaana 15, 2024 barataa kutaa 10’ffaa kan ta’e dargaggeessa maqaan isaa Misgaanaa Kifiluu jedhamu qabuun gara aanaa Laaloo Assaabii ganda Amuuruu iddoo addaa Wareettii jedhamutti geessuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii deemuu maddeen ifoomsan.

Ergamtoonni koloneel Abiy Ahimed ajaja dhaqii ajjeesii, saamii, gudeedii fi lafarraa balleessii jedhu fudhatanii bobba’uun hojiitti hiikaa jiraachuun namni ba’ee galuu yaadda’ee aanicha irraa baqachaa jiraachuu jiraattotni ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading