• Fri. Mar 13th, 2026

Irree fi gaachanni sabaa WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Heexoosaa fi aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Sep 17, 2024

ONM-ABO Fulbaana 16, 2024

Korommiiwwan Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun wal guurtee yaatuu haxxee itti hidhuun dhukkee nyaachisee jira.

Haaluma kanaan har’a Fulbaana 16 aanaa Heexoosaa ganda Teroo-Mooyyee iddoo addaa Jootormaali jedhamu keessatti gootochi sabaa WBOn loltoota barcuma Abiy Ahimed tiksuuf dhamaatu haxxee itti hidhuun 4 ajjeesee 7 madoon yoo adabuu humna lola kana reebuuf deemtu aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Arbaa Caffaa iddoo adda Gaara Diimaa jedhamutti haxxee itti hidhuun loltoota 18 ajjeesee 20 madeessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading