• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa keessatti dargaggoon tokko waraana garboomfataa PP’n ajjeefame

Sep 21, 2024

ONM-ABO Fulbaana 17, 2024

Diddaa fi qabsoo hidhannoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti yeroodhaa yerootti adeemsifamaa jiru yaaddoo jabaa kan itti uume waraana garboomfataa PP’tti heeraa fi seera baafataniyyuu faallessuun uummata nagaa badii tokko malee dararaa akka jiran barameera.

Gara jabeeyyiin loltoota koloneel Abiy Ahimed Fulbaana 15, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda  Aabboo Mana Jaarteetti dargaggoo maqaan isaa  Maatiyoos Dureessoo jedhamu dargaggeessa ganna 22 gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Dargaggoon Maatiyoos guyyaa irraa sa’a 4:30 irratti kan ajjeefame yoo ta’u, bakka inni midhaan eegaa jirutti waraanni bulchinsa magaalichaa irraa bobbaafaman ajjeesuun reeffa bira taa’uun eegaa akka turan jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Murni goolii uumuudhaan, meeshaa lolaatti dhimma ba’ee ajjeechaa geggeessuu barbaadu gaaffii saba Oromoof deebii kennuu irra ajjeesuun uummata Oromoo cabsee bulchuuf  hojjechaa jiraachuu jiraattonni aanaa Boojjii Coqorsaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading