ONM-ABO Fulbaana 18, 2024
Roorroo jireenyaa injifachuu fi gidiraa murna nama nyaataa impaayera Itiyoophiyaatiin addatti saba Oromoo irratti geggeeffamu baqachuudhaan sabboontonni ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii lakkisanii karaa seeraan alaatiin osoo biyyoota ollaa garaa garaatti dheessanii gammoojjiin biyya ormaa fi rasaasni shiftootaa karaatti kan hambise akkasumas qurxummiin galaanaa namoota meeqa akka nyaate, tilmaamaan kaa’uun rakkisaa ta’us lubbuu Oromoota hedduu akka balleesse ni beekama.
Haaluma kanaan dhalattoonni Oromoo biyya Somaalii Laand jiraatan, ergamtoota murna maafiyaa impaayera Itiyoophiyaatiin namoota biyyoota biroo irraa adda baafamanii Oromummaa isaaniin yakkamanii bara dhufaa darbaan dararaa hangana hin jedhamne argaa jiraachuu karaa toora miidiyaa hawaasaa fi miidiyoota garaa garaatiin wayita odeeffamu ni argama.
Tibba darbe jechuun Fulbaana 13, 2024 irraa eegalee hanga oduun kun qindaa’etti, waraanni biyya Somaalii Laand kanneen Itiyoophiyaatti Leenjii fudhatanii garas dacha’an, ilmaan Oromoo Biyya Somaalii Laand magaalaa Arabsiyoo jiraatan irratti gochoota suukkanneessoo kanneen akka reebicha, meeshaa qara qabuun waraanuu, Saamuu fi hidhuun gidiraa irratti raawwachaa jiraachuu, jiraataan magaalichaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko nuuf himee jira.
Wayita ammaa kanas humnootni biyya Somaalii Laand kanneen Itiyoophiyaatti leenjii fudhachuudhaan ergama addaa murna nama nyaataa Bilxiginnaa irraa fudhatanii ilmaan Oromoo dararaa jiran kanaan namoonni miidhaan irra dhaqqabee hospitaala ciisuudhaan du’aa fi jireenya gidduu kan jiran namoota kudha lamaa ol yoo ta’an, kanneen saamicha, reebichaa fi doorsisni garaa garaa irra ga’e ammoo hedduu ta’uun ibsameera.
Haaluma kanaan hidhattoota Somaalii Laand’n ilmaan Oromoo reebichi hamaan irra ga’e keessaa kanneen ammaaf maqaan isaanii nu dhaqqabe:
- Jamaal Sheek Ibiraahim
- Abdurhamaan Abdii Qorichaa fi
- Mohaammad Amiin kanneen jedhaman yoo ta’an, kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduun jiraachuus jiraataan magaalichaa ONM’ dubbise nuuf himee jira.
Akka jiraataan kun jedhutti hidhattoonni kunneen ilmaan Oromoo magaalicha jiraatan, mana isaanii dirqamaan cabsanii seenuudhaan, heyyama tokko malee sakatta’uu, bilbila isaanii bansiisuudhaan miidiyaa hawaasaa isaan fayyadaman sakatta’uu fi saamuu akkasumas kanneen mana isaanii fi bilbila isaanii keessatti calaqqee Oromummaa tokko argatan ammoo gochoota suukkanneessoo irraan geessisaa jiraachuus himuun, yeroo ammaa dhalattoonni Oromoo magaalicha keessa jiraatan yaaddoo hamaa keessa jiraachuus Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.





