• Tue. Mar 17th, 2026

Daandiin guddichi godina Buunnoo Beddellee fi Jimmaa wal quunnamsiisu sababa sigiga lafaan addaan cituun beekame

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Tibbana balaan sigiga lafaa Itiyoophiyaa bakkoota hedduu keessatti haala hin baratamneen mul’achaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaallee yeroo roobni waqtii birraa xiqqaachaa jirutti darbee darbee itti fufee jira.

Kanumaan walqabatee daandiin cirracha gurraachaa guddichi godinota Buunnoo Beddellee fi Jimmaa wal quunnamsiisu Dhidheessa keessatti addaan citee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himan.

Akka maddeen jedhanitti daandichi haala ulfaataan kan cite ta’uu fi konkolaataan deemee irra darbuu kan hin dandeenye ta’uu ibsaniiru.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummanni naannicha  keessa jiraatu rakkoolee murni aangoo of harkaa qabu irraan ga’uun alatti rakkoo uumamaanis adabamaa jiraachuun isaa ni beekama.

Haa ta’u malee addatti rakkoon uummata Oromoo irra ergamtoota  sirna moofaa Minilikiin gahaa turee fi jiru daangaa kan darbe yoo ta’u, rakkoon uumamaa kanneen akka rooba hamaa, bubbee, lolaa fi hongeen miidhaa guddaa uummaticha irraan gaheera.

Ta’us rakkoo sabichaa furuu irra murni nama nyaataan bilxiginnaa ajjeesuu, hidhuu, reebuu, saamuu fi qe’ee uummatichaa mancaasee godaansaa fi kadhaaf saaxiluu irratti jabeessee hojjechaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading