• Mon. Nov 23rd, 2026

Godina Baha Wallagaa aanaa Jimmaa Arjoo keessatti hawaasa hidhuu fi saamichi akkaan jabaatee 

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 19, 2024

Murni garboomfataa PP hawaasa Oromoo dinagdeen dadhabsiisee jilbeenfachiisuuf tooftaa saamichaa fi hidhaa bifa haaraa ta’een karoorfatee kaadiree fi milishaa gara gandoota baadiyyaatti gadi buusuun saamaa jira.

Kanumaan kan walqabatu, Fulbaana 16, 2024 aanaa Jimmaa Arjoo ganda Jaarsoo Garbii jedhamu keessatti maatii Obbo Biraanuu Tarfaa mana isaaniitti itti dhaquun erga qabanii qabeenya inni qabu loon 12 jalaa saamuun farda tokko ammoo rasaasaan rukutanii ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, Obbo Biraanuu akka malee reebuun fuudhanii kan hidhan yoo ta’u, kanas kan raawwataniif sababa ilmi isaa waraana keessa jiru qofaaf qe’ee isaa guutummaa guutuutti saamuun golgoleessuu dubbatan.

Kana malees, aanuma kana keessaa ganda Qumbaa Gabatoo jedhamu keessatti Obbo Daamxoo Haayiluu nama jedhamu jalaa loon shan saamuun ganda Jaarsoo Gintoo keessaa immoo Obbo Kuusaa Dhaabaa jalaa loon sagal fudhachuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply