• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa maqaa magaalicha sakattaana jedhuun jiraattota irratti reebichaa fi saamicha raawwachaa jiran jabeessan

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 19, 2024

Sodaa Waraana Bilisummaa Oromoo qaban irraa kan ka’e, loltootni murna bilxiginnaa yeroo adda addaatti raafama hamaa keessa galuun baadiyyaa fi magaalota Oromiyaa cufa keessa naanna’anii  maqaa nageenya kabachiifnaan nageenya hawaasaa booressaa, jiraattota irratti reebichaa fi saamicha daangaa hin qabne gaggeessaa oolu.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti Fulbaana 1, 2024 irraa eegalee bifa adda ta’een ergamtootni Bilxiginnaa maqaa WBO’tu magaalaa kana keessa riphee taa’ee tarkaanfii nu irratti fudhachaa jira jedhuun shakkii fi muddama hamaa keessa galanii jiru. Magaalichuma ganda 02 fi 06 keessattuu humna waraanaa guddaan halkanii fi guyyaa eegsisuu qabna jechuun achi keessa erga buufatanii booda, namni deggaraa paartii badhaadhinaa hin taane meeshaa baatee deemu cufti diina keenya kanaaf bira hin darbinu, tarkaanfii irratti fudhanna jechuun dhaadachaa fi waan afaaniin jedhan sana hojiitti hiikuun uummata nagaa hiraarsaa akka jiran barameera.

Torbee darbe Fulbaana 8, 2024 magaalichuma keessaa bakka addaa Dooluu jedhamutti hidhattootni Bilxiginnaa achi keessa buufatanii jiran jiraataa magaalichaa dhalataa ganda Issooyyee kan ta’e nama maqaan isaa Mohaammaduu jedhamu mana isaa seenuun isas reebanii qawwee, piistoo fi qarshii harkaa fudhachuun  jiraatama magaalichaa nama Huseen Sayid jedhamus  manatti itti dhaquun piistoo isaa irraa fudhatanii jiru.

Uummanni Oromoo Walloo diinaan marfama keessa waan jiruuf qawwee waan qabu gurguree kan bitatu yoo ta’u, dargaggoo Mohaammaduunis waan qabu gurguree bitachuu isaa kan himan maddeen, gareen saamtuu bilxiginnaa garuu, namni caasaa keenya hin taane meeshaa akkamitti baatee deemuu danda’a? keessattuu yeroo WBO’n naannoo kana keessa socho’aa jirutti jechuun namootuma argan cufa reebuun doorsisaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

Akka namni keessoo PP maqaan isaa dha’amuu hin barbaanne tokko ONM’tti himetti,  magaalicha ganda 02 fi 06 kana keessa deemnee namoota Oromummaa fi sabboonummaa calaqisiisanii uummata dammaqsan ni ajjeefnaa fi ukkaamsina; sakattaa kanaan hawaasni jiilaa jira, kana caalaa akka itti milkoofnuuf ni hojjenna jechuun gocha diinummaa isaanii kana akka itti fufan namni kun dabaluun himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading