• Sat. Mar 14th, 2026

Magaalaa Buraayyuu irraa loltoonni faashistii PP jiraattota irratti saamichaa fi hidhaa raawwachuu akkuma itti fufanitti jiru

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 19, 2024

Dhala namaaf hanga bineensaa naasuu tokkollee kan hin qabne waraanni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabduu fi ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun uummata nagaa hidhuu fi saamuu itti fufanii jiru.

Magaalaa Buraayyuu keessaa loltoonni sirnichaa dargaggoota harkaa bilbila guuruun gara waajjira poolisii geessanii suuraa fi waantota Oromummaa calaqqisiisan keessatti arginaan reebicha ulfaataa ta’e irraan gahuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa eeran.

Haaluma kanaan, dhalootaan aanaa Qilxuu-Kaarraa kan ta’e konkolaachisaa maqaan isaa Dalasaa jedhamu ji’a tokko dura sababa tokko malee magaalaa Buraayyuu keessaa ukkaamsanii hidhuun achi buutee isaa dhabamsiisuu namootni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun hojii konkolaachisummaa qofaan kan jiraatu akkasumas nama siyaasa kam irraayyuu walaba ta’eedha jechuun hiriyoonni isaa dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading