ONM-ABO Fulbaana 21, 2024
Uummanni Oromoo garboomfattoota impaayerattii yeroo irraa gara yerootti aangootti dhufaniin miidhaa guddaa irra gahaa ture dandamatee sirnoota farra dhala namaa ta’an dura yeroo dhaabbatutti, murni aangoo siyaasaa of harkaa qabu qaama qawween isa falmu dhiisee uummata nagaa miira abdii kutannaa fi tooftaa waraanaa taasifachuun saamicha raawwatu Oromiyaa bakkeewwan hedduutti jabeessee jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 20, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii keessaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Tashoomaa Hayiluu jalaa horii gaanfaa torba, hoolaa 19, Farda tokkoo fi harree 1 fudhachuun, haadha manaa isaas yoo hidhan,
- Taayyee Amaaruu horii 3, harree 1, Farda 1 fi
- Obbo Walaanii Tuujubaa jalaa horii gaanfaa 8, harree 1 fi farda tokko jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni himan.
Namoota kanaanis deggartoota WBO’ti fi milishaa leenji’uu diddan jechuun saamichi jumlaan kan irratti raawwatame ta’uus dubbatu.
Gandicha keessatti yeroo irraa gara yerootti saamichi fi ajjeechaan daangaa hin qabne geggeeffamaa akka jiruu fi uummanni danuunis qabeenyaa isaaniin ala ta’uun jiruu gadadoof saaxilamanii jiraachuu dabaluun dubbatu.
