• Thu. Mar 19th, 2026

Murni Bilxiginnaa Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaan durfamu akka waan dhibdee qabaniitti fi caasaa garaagaraa qabaniitti fakkeessuun hojjettoota rakkisaa jiraachuun himame

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024

Bulchiinsi Itiyoophiyaa caasaa murna bilxiginnaa jedhamuun of ijaaree caasaa isaan waan gargar bahe fakkeessuun bu’aa siyaasaa isaa dheerreffachuuf aggaamatee hojjechaa jira.

Bifuma wal fakkaatuun yeroo garaagaraatti murni bilxiginnaa Abiy Ahimed fi Shimallis Abdiisaan durfamu haala aangoo irra isaan tursu anjeeffachuuf tooftaalee garaagaraa jijjiiranii bifa garaagaraan uummata gidduutti holola facaasaa waggoota ja’a dabarsaniiru.

Tibba darbe keessa Naannaawwaa Finfinnee fi bulchiinsa magalaa Shaggar keessatti tooftaalee xixxiqqoo  bifuma yaada walfalleessu fakkeessuun caasaan Bilxiginnaa dubbii sobaa kalaquun facaasaa jiru.

Caasaa Bilxiginnaa Itiyoophiyaa sirna abbaa irree Abiy Ahimediin geggeeffamu erga gara aangootti dhufee as shira adda addaa bocuun kan beekamu tibbana kantiibaa magaalaa Finfinnee Addaanech Abebee kan jedhamtu waliin akka waan Shimallis Abdiisaa waliin dhibdee qabanitti fakkeessuun faayidaa siyaasaa keessoo argachuuf bifa addaan qindeessanii as bahaa jiraachuutu beekame.

Haaluma kanaan hooggannaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Yilmaa Mardaasaa yeroo kantiibaa magaalaa Bishooftuutti shira garaa garaa xaxuun to’atee erga reebeen booda akka waan caasaa Shimallis Abdiisaan hoogganamu diigaa jiranitti fakkeessuun bulchiinsa magaalattiitti deddeebi’aa turan.

Magaalaa Bishooftuutti ji’oota sadan darban kantiibaan magaalichaa Obbo Alamaayyoo Asaffaa maqaa gaafatamaa haa qabaatan malee Leetinaant Jeneraal Yilmaan eegdota isaa waliin hojjechaa akka ture barameera.

Impaayera Itiyoophiyaa jedhamtu kana keessatti murni  abbaa irree dabaree dabareen aangoo walitti dabarsan shiraan aangoo irra of tursuuf hojiilee adda addaa hojjechaa turaniiru.

Baatii darbe keessa caasaan  bilxiginnaa haaraa diriirfatte hooggansi uummataa ganda irraa eegala kan jedhuun kaabinee torba torba gara gandaatti erguun yoo beekamu,  kunis kufaatii irraa of baraaruu fi namoota ganda didan aangoo irraa ari’uuf akka ta’e barameera.

Yaadni  murna bilxiginnaan durfamu kamuu shira  bu’aa siyaasaaf bocatan ta’uu   uummanni Oromoo beekee qabsoo fi diddaa isaa akka Bilxiginnaa irratti jabeessu kan dhaammatan jiraattota magaalaa Bishooftuuti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading