• Mon. Nov 23rd, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti jiraattonni waraana faashistii PP’n jumlaan hidhamaa jiraachuu himan

Sep 26, 2024

ONM-ABO Fulbaana 24, 2024

Gartuun abbaa irreen bobbaafamuun hawaasa nagaan jiraatu sababa qabatamaa tokko malee miidhaa nama irraan ga’uun yakka raawwatu waraanni Bilxiginnaa, hammeenyummaa isaanii jabeessuun hawaasa jumlaan hidhaatti guuraa jira.

Akkuma kanaanis waraanni faashistii PP kun maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun hawaasa nagaa godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessaa namoota maqaan isaanii: Hajjii Burqaa,  Abdoo Wayyoo, Amantaa Wayyoo, Musxafaa Ibraahim, Nabii Bariisoo, Rahiimaa Kadir, Ruuziyaa Hajjii, Diinkuree Abdii, Zeeynabaa Daatuu, Kadir Danboobaa kanneen jedhaman dabalatee namoota hedduu hidhuun baatiilee hedduuf hiraarsaa akka jiran beekameera.

Namoonni hidhaman kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa qofaa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetan yoo ta’u, gandoota akka Hulluuqqoo Itittuu, Coofira-Shaashee, Coofira- Hulluqqoo fi gandoota biroo keessaa qabuun namoota baay’inni isaanii 40 ol ta’e kutaa haalaan dhiphoo waajjira poolisii aanaa Gadab Hasaasaatti hidhaniiru. 

Leave a Reply