• Wed. Jan 14th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa fi Jiille Dhummuuggaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Sep 26, 2024

ONM- ABO Fulbaana 24, 2024

Irree fi gaachanni saba Oromoo WBO’n tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu Oromiyaa bakkoota adda addaatti jabeessee itti fufe.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti har’a Fulbaana 24, 2024 bakka addaa Makaabee fi Araddaa Abbaa Alii jedhamutti ganama sa’a 12:0 jalqabee hanga sa’a 6:00tti lola WBO’n ergamtoota maafiyaa PP waliin taasiseen humana diinaa garaa isheef fiigdu irraa battalatti 4 ajjeesuun 7 madoo cimaan adabeera.

Tarkaanfii guggubduu jajjabeen WBO loltoota murna bilxiginnaa irratti fudhatee du’aa fi madoon adabe kanaanis humni weerartuu Abiyi Ahimed kun baaragdee reeffaa fi madoo gattee bittinnaa’uun humna dabalataa magaalaa Harawaa fi Booraa irraa yaammatanii reeffaa fi madoo isaanii kaafachuun madoo konkolaataa paatroolii tokkoon hospitaala Kamiseetti dabarsuun barameera.

Tarkaanfii jajjabeen Zoonii Kaabaa fudhatu ittuma fufuun har’uma Fulbaana 24 godinichuma aanaa Jiille Dhummuuggaa iddoo Dullaa jedhamutti ganama sa’a 1:00 qabee haga sa:a 6:00tti lola waraana weerartuu Abiyi Ahimed waliin taasiseen humna diinaa irraa 10 ajjeesuun 16 madoo dandammii hin qabneen adabeera.

Ittuma fufuun Fulbaanuma 24 aanaadhuma Jiille Dhummuuggaa bakka addaa Marar Baddannoo jedhamutti cichitoonni kaayyoo haqaa jajjabeen mataa daabee gara waaree booda sa’a 10:00 qabee hanga galgala sa’a 10:30tti taasisaniin ergamtoota Abiyi Ahimed irraa 4 ajjeesuun 9 madoon adabeera.

Tarkaanfii warqiileen Zoonii Kaabaa loltoota murna bilxiginnaa irratti fudhatee du’aa fi madoon adabee, rasaasaan akaa’ee baarudaan macheesse kanaanis humni faashistii PP kun baaragdee kottee na baasiin of booda deebi’aa turte.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu hanga Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatti itti fufa.❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading