ONM-ABO Fulbaana 25, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen maqaa “nuti wal qixxummaa fi tokkummaa impaayera Itiyoophiyaatiif dhaabbannee jirra” jedhuun hawaasa burjaajessuuf yaalan olaantummaa isaanii kan meeshaa waraanaan eegsifachuuf yaalan uummata irraan dararaa ga’aa jiraniin hawaasni yaaddoo jireenyaa keessa galee jira.
Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Innoo magaalaa Tuulamaatti qonnaan bultoota, daldaltoota, barsiisotaa fi namoota hojii adda addaa irratti bobba’uun jiraatan waraanni faashistii PP guyyoota sadiif walitti aansuun waltajjii dirqiin teessisaa turuun himame.
Lukkeelee Bilxiginnaa kan ta’an kaadiroonni, humnoonni milishaa, poolisii fi waraanni waliin ta’uun waltajjii teessisaa kan turan yoo ta’u, waltajjii kanaanis akkataa ittiin caasaa haaraa gandoota baadiyyaatti babal’iisanii fi karaalee ittiin hawaasa Oromoo fi waraana Bilisummaa Oromoo addaan fageessanis mari’achaa akka turan jiraattonni ONM’tti himaniiru.


