ONM-ABO Fulbaana 28, 2024
Murni Bilxiginnaa karaa isaaf danda’ame maraan ilmaan Oromoo lafa irraa fixuuf karoorfatee jiru, loltootaa fi ergamtoota isaa bobbaasuun dararaa hamaa raawwachaa jira.
Aanaa Ada’aa Bargaa ganda Deebisaa Aagasaa jedhamu keessatti Fulbaana 21, 2024 loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Maammoo Dinquu jedhamu mana jireenyaa isaatti ol itti seenuun osoo inni maatii isaa waliin buna dhuguu naasuu tokko malee rasaasa lama itti dhukaasuun ajjeesanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, guyyuma sana aanaadhuma kana ganda Karkarreessaa jedhamu irraa jaartii ganna 70 olii kan maqaan isaanii Aadde Shawaayee Bayyanaa jedhaman badii tokko malee loltoonni sirnichaa qabuun hawaasa baachisanii magaalaa Oolankomiitti geessanii hidhuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himan.
Dabalataanis, aanaadhuma kana ganda Caffee Bisil jedhamu keessatti haadha daa’ima tokkoo kan taate Aadde Wuddee Makuraa kan jedhamtu ilmoo ishee waliin qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

