• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan keessatti waraanni maafiyaa PP uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufe

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Uummata nagaa ajjeesuu fi hidhuun jijjiirama fida” jedhee kan amanu murni Bilxiginnaa godinaalee Oromiyaa mara keessatti uummata meesha-maleeyyii irratti waraana isaa bobbaasuun namoota nagaa jumlaan mana hidhaatti guuree reebichaa fi dararaa garaa garaa irratti raawwachaa jiraachuun isaa beekamaadha. 

Haaluma kanaan godina Qellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Haroo Macharaa jedhamu keessatti Fulbaana 20, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Obsaa Abarraa
  2. Bulaa Fiqaaduu
  3. Fayisaa Shifarraa
  4. Algaa’ee Mitikkuu fi
  5. Dammee Aliyyii kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuudhaan gara mana hidhaatti galchee reebichaa fi dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneenis namoota balleessaa tokkoyyuu hin qabnee fi kanneen nagaan jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan turan. Haa ta’u malee ergamtootni teessoo Abiy Ahimed tiksuuf socho’an aangoo isaaniitti fayyadamuun hidhan kan jedhan maddeen, leellistootni sirna moofaa amma aangoo impaayerattii irra jiran dararriin uummata Oromoo irratti loltoota isaaniin raawwatamu rakkoo impaayerattii keessatti mudateef akka furmaataatti tarsiimoo godhatanii hojjechaa jiraachuun egeree sabichaaf kan nama yaaddessuudha jedhu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading