• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Qellam Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo keessatti loltoonni bilxiginnaa walii isaaniin ajjeechaa wal irratti raawwatan

Sep 29, 2024

ONM-ABO Fulbaana 25, 2024 

Loltoonni impaayerattii kaayyoo bulchiinsa impaayerattii osoo hin beekin fedhaanis ta’u dirqamaan itti seenuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo baay’ee rakkoo keessoo isaaniitti dhalatuun walii isaaniitii walitti garagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa oolu. Haaluma kanaan godina Qellam Wallaggaa aanaa Jimmaa Horrootti loltoonni impaayerattii walii isaaniitiin wal ajjeesuun himameera.

Fulbaana 14, 2024 loltoonni Bilxiginnaa miseensa isaanii kan ta’e nama maqaan isaa Tashoomaa Ahimadee jedhamu ‘Oromummaa isaan yakkuun’ rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Akka maddeen jedhanitti, shakkii keessoo walii isaaniitti yeroo hunda aanaa sana keessatti gama garaagartee ilaalchaan ka’uun wal hidhaa, garmalee wal reebaa, wal ajjeesanii gataa fi dararaa hamaa wal irraan ga’aa kan jiran ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading