• Wed. Sep 23rd, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuutti waraanni faashistii Bilxiginnaa uummata hidhaatti darbachuu jabeessan

Sep 30, 2024

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Loltoonni bilxiginnaa fi ergamtoonni isaanii godinaa hanga aanaatti jiran sodaa lubbuu isaanii fi saamichaaf jecha namoota nagaa ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti guutuu Oromiyaa keessatti jabeessanii raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuutti waraanni faashistii bilxiginnaa uummata hidhaatti guuruun jabaatee itti fufee jira.

Aanaa Daarimuu ganda Gumgummii jedhamu keessatti Fulbaana 26, 2024 ergamtoonni sirnichaa “walga’ii irraa ooltan; isin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Maammannaasir Kadir
  2. Mahaammad Imaamuu
  3. Kaliifaa Imaamuu
  4. Shamsuu Mahaammad
  5. Tamaam Yusuu fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akkuma guutuu Oromiyaatti maqaan waraana Bilisummaa Oromoo madda galii olaanaa ergamtoota sirnichaaf ta’uun saamichaaf jecha hidhanii mana hidhaa keessatti maallaqa guddaa gaafachuun irraa fuudhanii maatii hedduu hiyyoomsaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading