ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
Abbaan irree koloneel Abiy Ahimed ciminni fi oftuulummmaan kan itti dhagaa’amu, holola miidiyaan afaan qajeelaa nagaa golgaa godhachuun dubbatu, namoota sirna isaan morman harka kennachiisuuf guyyuu miidhaa raawwataa jira.
Fulbaana 27, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa Magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa waraanni faashistii PP gara ganda Waandii Daallee jedhamutti galgala 2:00’n sochii taasisuun maqaa isin deggertoota WBO’ti jedhuun mana nama maqaan isaa obbo Dabalaa Tarfaasaa jedhamu irratti boombii harkaa dhoosanii gubuun himame.
Kana malees midhaan maatii sanaa saamuun namoota ollaa irratti reebicha kan raawwatan ogguu ta’u, sochii isaanii ittuma fufuun kaleessa Fulbaana 28, 2024 ganda Buukee Akkachee fi Baabboo Buundii jedhamu keessaa maatii qabsaa’otaa saamuu fi qabanii deemuunis ifoomeera.
Namoonni saamamuun hidhaman maqaan isaanii obbo Muusaa Ayyaanaa qarshii 30,000, bilbila harkaa guddaa tokkoo fi xiqqaa mana isaa keessaa fuudhuun isas qabuun yoo deeman, jiraattuuma ganda Baabboo Buundii iddoo addaa Gaanqaa Kan taate aadde Obsee Lammaa Kan jedhamtus qabuun fuudhanii kan deemaniin cinaatti qarshii 2000 fi bilbila guddaa tokkos akka saaman beekameera
