• Tue. Jan 13th, 2026

Pirezidaantiin Turkii haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwatte balaaleffate, tarkaanfii addunyaa akka fudhatus gaafatte

Sep 30, 2024

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Prezdaantiin Turkii Resip Tayyip Erdogan Sanbata kaleessaa tarkaanfii waraanaa Israa’el dhiheenya kana Libaanos keessatti fudhatte balaaleffatan

“Imaammanni Israa’el duguuggaa sanyii fi weerara Onkoloolessa 7 irraa eegalee itti fufee jiru amma Libaanos fi ummata Libaanos irratti xiyyeeffata,” jechuun Erdogaan X irratti dubbataniiru.

 ”Haleellaa gara jabinaa” jechuun ibsaniin, daa’imman dabalatee lubbuu lammiilee Libaanos dhabamuun wal qabatee yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru.

”Siyaasni maraatummaa Israa’el, kan duraan Gaazaa fi Raamallaah keessatti mul’ate, gara Libaanos fi biyyoota naannichaa birootti akka babal’atu hayyamamuu akka hin qabne cimsanii dubbataniiru.

“Namni qalbii qabu kamiyyuu ajjeechaa akkasii seera qabeessa ta’e fudhachuu, sababeeffachuu ykn fudhachuu hin danda’u,” jedhan.

Pirezidaantiin Turkii dhaabbileen addunyaa, keessattuu Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii fi gareewwan mirga namoomaa weerara Israa’el kanaaf deebii kennuudhaaf tarkaanfii ariifataa akka fudhatan gaafataniiru.

Akkasumas addunyaan Islaamaa haleellaawwan kana irratti ”ejjennoo cimaa” akka fudhatu dhaamaniiru.

Deggarsa Turkii irra deebi’anii kan mirkaneessan Erdogaan biyyattiin “yeroo rakkisaa kanatti uummata fi mootummaa Libaanos waliin dhaabbachuu itti fufti” jedhan.

Namoota miidhamaniif jajjabina kan dabarsan yoo ta’u, ”haleellaa namummaa hin qabne” Israa’el balaaleffachuun namoota miidhaman dafanii akka fayyan hawwaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading