ONM-ABO Fulbaana 30, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa teessoo siyaasaa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf golee Oromiyaa cufatti bobbaafaman, dantaa dhuunfaa isaanii fi garaa isaanii guuttachuuf jecha hawaasa nagaa maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun miidhaa garaagaraa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti saamichaa fi hidhaan waraana faashistii PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee jira.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda ‘Jireenyaa’ jedhamutti ergamtoonni sirnichaa Fulbaana 28, 2024 magaalaa Naqamtee irraa gara gandichaatti bobba’uun, bakka addaa ‘Jalluu Dhagarbaa’ jedhamuun beekamu bosona keessa riphanii dhokachuun dargaggoota doqdoqqee oofaa jiran nama sadii daandii irratti ba’uun afaan qawween sodaachisuun dhaabsisanii doqdoqqee isaanii jalaa saamuun, dargaggoota kanas fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoonni kunneen maqaan isaanii:
- Abiraam Mitikkuu,
- Qajeelaa Shibbiruu fi
- Obsaa Nigaatuu kanneen jedhaman ta’uun beekameera.
Akkuma aanichaatti namuu hojii doqdoqqeen uummata deddeebisee maallaqa achirraa argatuun ofii fi maatii isaa jiraachisuun hafee lafa hundatti adamsamuun qabeenyi isaanii saamamuu fi ugguramuun jabaatee akka itti fufee jirus dabaluun ibsaniiru.


