ONM-ABO Fulbaana 30, 2024
Halkanii fi guyyaa bibirrachaa kan jiraatanii fi boqonnaa sammuu illee kan hin qabne ergamtoonni bilxiginnaa, bakka deeman maratti sodaa taayitaa isaaniif hawaasa nagaa qe’ee isaa irra jiraatuu fi jireenya dhuunfaa isaa gaggeeffachuuf olii fi gadi dhama’u badii tokko malee sobaan yakkanii miidhaa garaa garaa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaatti dargaggoon tokko loltoota sirnichaan ajjeefamee jiraachuu maddeen eeran.
Fulbaana 28, 2024 ganda “Molee” jedhamu irraa dargaggoo maqaan isaa “Maammush Nabiyyuu” jedhamu loltoonni sirnichaa osoo inni daandii irra deemaa jiruu qabanii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii daandii irratti gatanii jiraachuu jiraattonni ganda Molee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun, nama nagaa hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu kan hin qabne ta’uun ibsameera.


