• Fri. Mar 13th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa bakkoota adda addaatti waraana faashistii PP du’aa fi madoon adabuun meeshaa irraa hiike

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Lixaa kaleessa Fulbaana 29, 2024 ganama waraana faashistii PP mooraa Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu keessa maadheffattee uummata dararaa turte irratti dhukasa banuun rasaasaan akaa’ee baaruudaan macheessuun du’aa fi madoon adabee aanicha keessaa buqqisee baqachiiseera.

Tarkaanfii kanaanis meeshaa fi hidhannootti dabalataan uffata waraanaa isheef dhufe gachisiisuun guutummaatti irraa dhuunfatee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte ganama kaleessaa   Fulbaana 29,2024  godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Heeban-Laaqichaa iddoo addaa Shiillaa jedhamu keessatti haxxee itti hidhuun loltoota sirna nam-tokkee tiksuuf dhamaatu 6 battalatti irraa ajjeesuun 12 madoon adabee gara magaalaa irraa dhufteetti deebisee jira. 

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n Zoonii Harsadee tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufuun humna diinaa irraan kasaaraa ga’aa jira.

Haaluma kanaan dheengadda galgala Fulbaana 28, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Booraa magaalaa Kaanteerii seenuudhaan waraana faashistii PP baay’ee ajeesuun lama harkaan qabee jira

Tarkaanfii kanaanis gama meeshaatiin qawwee AKM 1 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana murna maafiyaa PP irratti fudhatu itti fufuun guyyaa kaleessaa Fulbaana 29, 2024 Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan tarkaanfii  kaleessa Fulbaana 29,2024 aanaa Liiban Cuqqaalaa bakka addaa Tulluu Cuqqaalaa jalatti  fudhateen loltoota Abiy Ahimed irraa 2 ajjeesee 2 harkaan qabee jira.

Gama meeshaatiin qawwee AKM 3 hidhannoo gutuu waliin irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading