• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti bulchitoota sirnichaan saamichaa fi reebichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Oct 5, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024 

Lukkeeleen bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran dhibdee siyaasaa da’oo godhachuun karoora saamichaa, hidhaa, ajjeechaa fi mancaatii qabeenyaa ilmaan Oromoo irratti baafatanii guyyuu geggeessaa oolaniin, hiyyummaa fi abdii kutannaan uummaticha keessatti akka babal’atu taasisaa jiru.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaatti bulchitoota murna bilxiginnaan saamichi fi reebichi jiraattota nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufeera.

Fulbaana 29, 2024 aanaa Dawwee Harawaa ganda Qilleentiitti bulchaan gandichaa maqaan isaa Mahaammad Sayid Ahimadee jedhamu jiraattota gandichaa ija shakkiin ilaaluun maqaa loon keessan ooyruu kiyya seeneera adabbii kanaa qarshii naaf kaffalaa jedhuun namoota  maqaan isaanii Huseen Ahimed jedhamu irraa qarshii 6000, Mahaammad Hasan Muusaa 5000 fi Mareemaa Yusuf irraa qarshii 3000 harkaa fudhachuu isaa fi namoota hedduu irratti ammoo reebicha ulfaataa raawwachuun jiraattota doorsisaa akka jiru ibsameera.

Akka namootni miidhaan irra ga’e ONM’f yaada isaanii kennan jedhanitti bulchaan gandichaa kun duruma ija shakkii fi jibbaan nu ilaalaa waan tureef sababa barbaadee maqaa loon keessan citaa kiyya seenaniiru, gatii isaa hin kaffaltan yoo ta’e ammoo miidhaa isinirra ga’uuf jiru walumaan arguuf jirra, maallaqa hanga ani isiniin jedhe dafaa dhiyeessaa, hin qabdan yoo ta’e ammoo liqeeffadhaa jechuun nu doorsisee nu harkaa saame kan jedhan namoonni kunneen, guyyuma maallaqa nu harkaa saame sanas gandichuma keessatti namoota hedduu irraan reebicha cimaa ga’uu fi jechoota safuun arrabsuun dhaadannoo garaagaraas dhageessisaa akka ture dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading