ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024
Ergamtoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti dargaggoota Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa humnaan qabanii gara mooraa leenjii waraanaatti guuruun rasaasaan ficcisiisaa kan jiran yoo ta’u, ammallee haala duraan barameen olitti leenjii waraanaa tokko malee dirree lolaatti bobbaasaa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo araddoota hunda irraa dargaggoota humnaan ukkaamsuun leenjii yeroo gabaabaa guyyoota muraasa keessatti kennaniifii sobanii maqaa ‘milishaa Furgaatuu’ jedhamu itti moggaasuun dandeettii fi gahumsa tokko malee “deemaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaa” jechuun torbeema kana keessa dirqamsiisanii godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessootti guuruu isaanii jiraattonni aanaa Malkaa Bal’oo himan.
Akka jiraattotni himanitti, ji’a tokko dura loltoonni sirnichaa dargaggoota Oromoo osoo maatiin isaanii duukkaa boo’anii fuudhanii sokkuun humnaan leenjii guyyaa muraasaa qofa kennuun gara aanaa Mi’eessootti geessanii ijoollee isaanii jalaa ficcisiisuu fi hawaasa Oromoo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti diinomsuuf haala duraanii olitti kaayyeffatanii hojjechaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees, aanaalee Baha Oromiyaa keessatti argaman hedduu isaanii irraa tajaajilli qunnamtii interneetaa adda citee jiraachuun uummanni rakkoo hamaa keessa galuu jiraattonni dubbisne itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


